• Pages

    Monday, June 17, 2013

    oromiyaa

    Oromiyaa
    Yaa biyya seenadha laliftu uumamaa
    Magariisa lafaa badhaatu ganamaa
    Jaalatamtu biyyaa hawwattu ilma namaa
    Madda sirna gadaa bu’ura oromummaa
    Hadha habaabilee hundhurri koo sumaa x2
    Yaa burqaa waa hundaa beekamtu waa maraa
    Gootowwannis tahe hayyuu garagaraa
    Ni qabda hundahu ati hin qabdu dharraa
    Yaa hadha barsiisaa oomishitu doktoraa
    Hadha payileeti madda injinaraa
    Saayintistis tahe kan piroofesaraa
    Jarren kana hunda barsumaatu horaa x2
    Maalayya gootota heddumina saanii
    Cufa nin himatti na geeysu yeroonii
    Murasaan dubbadha ka hafe isinii
    Qabsaawa oromoo kan sodaatu dinni
    Mohee galuu malee hin mohu namninii
    Eenyu dura ejja jeeyna garasuunii x2
    Qindeeysa waraana oggeeysa siyaasaa
    Kan takka hin fudhatin midhaafi cunqursaa
    Didee kan fincile gabrumma saba isaa
    Diinatti kan fixe qawwee fi rasaasaa
    Bakka saba cunqursan kan kenne lubbusaa
    Ka akkanaati bari jaalle baharo tumsaa x2
    Barsiisa mandeella kan faranjiin lolee goota biyyaf jecha deeme gaara galee
    Faranjoota adii kan dhawee halelee
    Mee kamtuutu jira abdiisa aagaa malee x2
    Goota oromoodha abba ilman hedduu
    Gooota warra bale muka dhagaa jidduu
    Kan amajaajjiin arkaasa sodaatuu
    Mataa isaa duraa kan saba saaf yaaduu
    Miidhaa oromootif kan sammuun hadooduu
    Oromonni hundi haalan kan jaallatuu
    Goota oromiyaa general waaqo guutuu x2
    Maaluman sii himaa an waahe hayyootaa
    Ilmaan kee hundinuu hayyuudha dhalataa
    Hangafni isaani eenyu taha laataa?
    Tokkoo lama mitii hangafni isaanii
    Muraasaan dubbadha ka himu seenanii
    Hangafa jalqabaa kan seenan dubbatee
    Afaan oromootif kan qubee hojjatee
    Sheek bakri saphaloo seenaatu dubbatee
    Qubee dhabun afaan keenya isa yaachiftee
    Abdiin lafaa ka’e gara saa hidhatee
    Cunqursaa nafxanyaa didee tarkanfatee
    Beekumsa isaatin aya ol kaayyatee
    Qubee shaalda ja’e abdiin nutti laatee x2
    Olama’ii sabaa kan jiru lubbuunsaa
    Afaan oromootin waa hedduu barreeysaa
    Qura’aana fi hayaata tafsiiraa fi hadiisaa
    Jalqaba ganamaa kan hime hikkasaa

    Sheek Muhammad rashaad waan badu seenaansaa x2

    abdisha biftu orommia


    oromia by abdisha biftu click her to download

    sky jahe ft. backo

    sky jahe ft. backo new best afan oromo music

    Sunday, June 2, 2013

    sorry for our site stopped posting

    for a moment our site is stopped posting any things but now we have come back!
    in short period of time we post every things for you as before!
    keep your eyes on us!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!11

    Thursday, March 21, 2013

    new afan oromo music video is coming soon so dear our vitors keep your eyes on this sites


    Friday, March 15, 2013

    HIRMAANNA DAAWWATTOOTA KEENYAA

    website biiftuu barii ummata oromoo kan biyya keysaa fi biyya alaa jiraataniif seena,aadaa hooda fi wantoota garagaraa ummata biraan gahuuf hidhata kan ka'e fakkaata kanaafu isinis ijaa teeysan website kanarratti akka nuuf deebiftan kabajaan isin gaafanna.
    erga daawwattan immo yaada asirrati qabdan nuuf gumaachuu hin dagatinaa
    biiftuu barii wajjiin turtii gaarii!!!!!!!!!!

    You will get every things from biiftuu